Ministeerri Barnootaa Istuudiyoo Maltiimiidiyaa dijitaalawaa shan eebbisiise

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC)- Ministeerri Barnootaa Istuudiyoo Maltiimiidiyaa Dijitaalawaa Yuunivarsiitiiwwan Finfinnee, Jimmaa, Dirree Dhawaa, Baahirdaarii fi Hawaasaatti hundeesse shan eebbisiiseera.

Istuudiyoowwan kunneen ministeerichi, Faawundeeshinii Maasterkaardi, Yuunivarsiitii Arizoonaa fi Dhaabbilee Shaayaashoonee waliin ta’uun kan ijaarsise yoo ta’u, sirna baruu fi barsiisuu dijitaalaa ni cimsa jedhameera.

Sirna eebbichaarratti Bakka Bu’aan Ministeera Barnootaa Dooktar Solomoon Abrahaa, Pireezidaantii Eeggataa Yuunivarsiitii Doolktar Saamu’eel Kiflee, qondaaltonni olaanoo mootummaa fi qaamoleen tumsitootaa argamaniiru.

Dooktar Solomoon Abrahaa akka ibsanitti, istuudiyoowwan kunneen qaqqabummaa Idil Addunyaa Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo Itiyoophiyaa, sirna barnootaa cimsuu, humna nama baratee horachuuf kan tumsuudha.

Dabalataan eebbifamtoonni Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo dandeettii hojii uumuu akka argatan akkasumas lammiileen bakkaan utuu hindaangeffamiin barnoota isaanii akka hordofan kan dandeessisuudha jedhameera.

Fuuldurattis istuudiyoowwan walfakkaatoo dhaabbilee barnoota olaanoo 10tti kan hundeeffamaa ta’uun ibsameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment