Ministeerri Barnootaa barattoota Godina Booranaaf deeggarsa dabtara barnootaa Birrii Miiliyoona 18 olii taasise

Finfinnee, Bitootessa 5 , 2015 (FBC)- Ministeerri Barnootaa barattoota godina Booranaaf deeggarsa dabtara barnootaa Birrii miiliyoona 18 fi kuma dhibba 7fi kuma 12 olitti tilmaamamu taasisuu ibsameera.

Ministeerichi deeggarsicha Waajjira Barnootaa godinichaatti dabarsee kenneera.

Hongee godina Booranaatti muudateen barattoonni dabtara bitachuuf waan rakkataniif ministeerichi dabtara barnootaa kuma 400 fi kuma 17 fi 216 deeggarsaan kennuu itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa godinichaa Obbo Tasfaayee Waldamikaa’el himaniiru.

Dabtarri kenname barattoota godinichaatti barataa jiran kuma dhibba 1 fi kuma 73 fi 572’f kan kennamu ta’u ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment