Ministeerri Barnootaa Abbootii Amantaa waliin marii’achaa jira

Ministeerri Barnootaa Abbootii Amantaa waliin marii’achaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2013 (FBC) – Ministeerri Barnoota sababa weerara covid 19n adda cite kan ture barnoota idilee itti fuufsiisurratti Abbootii Amantaa waliin marii’achaa jira.

Waltajjii waloo Ministeerri Barnootaa fi Instiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa qopheessan kana irratti miseensoonni yaa’ii dhaabbilee amantaa feederaalaa fi naannoo irraa walitti baba’an hirmaataniiru.

Adeemsa baruu fi barsiisuu keessaatti ga’een abbootii amantaa maal akka fakkaachuu akka qaburratti mariin gaggeeffameera.

Waltajjicharratti qajeelfama covid 19 ittisuuf bahe abbootii amantaaf kan dhiyaate yoo ta’u, abbootiin amantaas qajeelfamicharratti marii’ataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment