Ministeerri Barnoota Ityoo Teeleekoom waliin waliigaltee galii sassaabuu mallateesse

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Ministeerri Barnoota Ityoo Teeleekoom waliin waliigaltee galii sassaabuu mallateesseera.

Waliigalticha kan mallateessan Ministirri Ministeera Barnoota Proofeesera Birhaanuu Naggaa fi hoji raawwachiiftu oolaantuun Ityoo Teeleekoom Fireehyiwoot Taammiruuti.

Sassaabbiin galicha guutuumma guutuun manneen barnoota barbada’aan kuma 1 fi 90, yuunvasriitiiwwan 3 fi koolleejjiiwan 3 deebisanii dhaabuuf ta’uun proofeeseer Birhaanuun himaniiru.

Bu’uruma kanaan qaamolee deeggarsa taasisuu barbaadaaniif kaffaltii akaakuu garagaraa Ityoo Teeleekoom qopheessee aadde Fireehyiwoot ifoomsaniiru.

Manneen barnoota barbada’aan kamiiniyyuu deebisanii ijaaruuf deeggarsa maallaqaa taasisuuf.

Baankii Daldalaa Ityoophiyaa 1000448700945 fayyadamuu akka danda’amuu ifoomsaniiru.

Erga barreeffamaa gabaaba hanga dandeettin eeyyameen barreeffama gara 9222 erguun deeggarsa taasisuu ni dandeessu jedhaniiru.

Teelee Birriin deeggarsa taasisuufis lakkoofsa teelee Birrii 9222 fayyadamuun ni danda’ama jedhaniiru.

Teelee Birriidhaaniis biyyoota alaa deeggarsa taasisuuf tajaajila Hawaalaa idil addunyaa 0993161616tti fayyadamuu akka danda’uu ibsameera.

Dabalatanis qaamoleen meeshalee barnoota deeggaruu barbadaan waajjira olaanaa Ministeera Barnootaa Kiiloo 4 argamuun laachuu akka danda’aan Ministeerichi ibseera.

Maahileet Taklabirhaantu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment