Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa Yuunvarsiitii Finfinnee waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa Yuunvarsiitii Finfinnee waliin waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeesar Xaasaw Waldahaannaa walii galticha mallatteessaniiru.
Waliigaltichi qabeenyi Albuudaa Ityoophiyaa damichaa waliin akka walsimuu fi damee beekkumsaa olaanaa adda baasuuf Yuunvarsiitiin Finfinnee sirna barnootaa akka qopheessuu fi ogeeyyiif akka laatu kan dandeessisuudha jedhame.
Fedhii damee Albuudaa fi Boba’aa bu’ura taasiisuun yeroo itti aanu damee barnootaa haaraa qopheessuun barnoota idilee fi leenjiwwan gaggabaaboon kan laatamu ta’a jedhame.
Ityoophiyaan qabeenya uumamaan badhaatuu taatus qabeenya qabatanii taa’uu qofti arjaa hin taasiisu jedhan Injiinar Taakkalaan.
Qabenya lafa jala jiru teeknooloojii ammayyaan deeggaramuu fi dandeettii ogeeyyii guddisuun qabeenya uumamaaa jirutti fayyadamuu eegaluu qabna jedhan.
Ogeeyyiin carraa barnootaa akka argatan waliigalteen mallattaa’es qaama kanaa ta’uu Injiinar Taakkalaan dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Albuudaa fi Boba’aarraa argame ni muul’sa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment