Ministeerichii fi Faawundeeshinii Misoomaa Baadiyyaa Chaayinaa walta’iinsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Ministeerri Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa, Faawundeeshinii Misooma Baadiyyaa Chaayinaa waliin dameewwan garaagaraarratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichi, hammattoo walta’iinsaa boqonnaa 2ffaan dameewan misoomaa ijoo 7 irratti kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’an fayyadamtootaa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfayeen, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dameewan diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan hariiroo waggoota dheeraa kan qabdu ta’uu yaadachiisan.

Faawundeeshinicha waliin waliigalteen mallatteeffames argisiistuu michummaa fi walta’iinsaa baroota dheeraa ta’uu ibsan.

Pirojektichi kutaalee hawaasaa sadarkaa gadaanaa keessatti argaman deeggaruuf kan tumsu ta’uu ibsanii, bu’aa qabeessa akka ta’uuf waloon hojjechuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Daayrektarri Faawundeeshinichaa Yiin Cheen gama isaaniin, dameewwan eeramaniin tumsaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Chaayinaan Itiyoophiyaatti sochiiwwan Invastimantii garaagaraarratti hirmaachuun, diinagdee biyyattii keessatti gumaacha taasisa jiraachuu eeruu ragaa ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment