Ministeerichi yakka suukaneessaa gaammee Heevan irratti raawwate ilaalchisee murtoo kennamerratti qooda fudhattoota waliin kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Yakka suukaneessaa gaammee Heevan irratti raawwate ilaalchisee murtoo kennamerratti qooda fudhattoota waliin kan hojjetu ta’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiseera.

Ministeerichi mirga daa’immanii kabachiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu ibseera.

Ajjeechaa suukaneessa gaammee Heevan irratti raawwate hordofee ministeerichi gaddi cimaan itti dhagahamuu ibseera.

Haleellaa suukaneessaa daa’immanirratti raawwatu cimsee kan balaalleffatu ta’uu himeera.

Yakkicha hordofee murtoo kennamerratti haala ol iyyannoon itti gaafatamurratti qaamolee haqaa fi qooda fudhattoota waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.

Daa’imni tun erga guddeeddamtee booda lubbuun ishee akka darbu taasiifamuun kan yaadatamuudha.

Yakkicha ilaalchisee Murtoon hin madaalle kennameera jedhamuun komii guddaa kaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment