Ministeerichi Xaa’oon biyyoo Jibuutii fe’amee Finfinnee qaqqabe saffisaan naannoleef akka raabsamu yaadachiise

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) –Xaa’oon biyyoo Jibuutii fe’amee Finfinnee qaqqabe saffisaan naannoleef akka raabsamu Ministeerri Qonnaa Hubachiise.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaan Kaasaan daawwannaa tasa taasiisaniin Konkolaattoonni 20 ol xaa’oo fe’anii Finfinnee seenaan osoo hin buusiin guyyoota lamaaf mooraa Korporeeshinii Hojiilee Qonnaa keessatti dhaabbatanii turuu ilaalaniiru.

Xaa’oon kunneen saffisaan naannoleef raabsamuu akka qaban qajeelfama laataniiru.

Xaa’oon Kuusaa keessatti kuufamee jiru ariitiin naannoleef akka raabsaman hoggantoota korporeeshinichaaf ajaja laachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’usa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment