Ministeerichi “Trade Mark Africa” waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC) – Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii Dhaabbata “Trade Mark Africa” waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltechis konkolaattota fe’umsaa biyyattii daldala alaa fi fichisiisa saffisiisuuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Waliigaltecha Ministirrii Ministeerichaa Dooktar Alamuu Simee fi Ityoophiyaatti Daayrektara “Trade Mark Africa” Obbo Iwunatuu Taayyee mallatteessaniiru.

Bu’uura waliigaltechaan ‘Trade Mark Africa’ hojiilee teekinikaa fi faayinaansii kan gaggeessu ta’uu ibsameera.

Akkasumas, Ministeerii Geejjibaa fi Loojistiksii, hojiilee hordoffii bulchiinsaa akka hojjetus eerameera.

Dooktar Alamuun akka jedhanitti, waliigaltechi damee loojistiksii Ityoophiyaa sadarkaa Addunyaatti dorgomaa taasisa.

Obbo Iwunatuun Taayyeen gama isaaniin, dhaabbanni isaanii, walitti hidhamiinsa daldalaa biyyoota Afrikaa cimsuuf keessumaa walitti hidhamiinsa daldalaa naannawaa walabaa cimsuuf akka hojjetuu dubbataniiru.

Taarikuu Waldasanbatii fi Ashannaafii Shibbiruutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment