Ministeerichi Traakteroota 37 naannoleef qoode

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) –  Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii oomishaafi oomishtummaa mirkaneessuuf kan gargaaran traakteerota 37 naannoleef qoode.

Ministeerichi traakteerota kanneen naannolee Oromiyaa, Somaalee, Amaaraa fi Beenishaanguliif qooduu ibsameera.

Deeggarsichi dargaggoota damee qonnaarratti leenjii fudhatanii fi maallaqa qusataniif taasifamuu eerameera.

Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, dargaggoonni gara hojiitti akka seenaniif deeggarsa taasisuu ibsuun, deeggarsichi cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Dargaggoonni hojii isaan guddisurratti yeroo isaanii dabarsuu akka qaban dhaamaniiru.

Hojii gaggeessaa Olaanaan Ityoo Injinariing Gruup Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaan gamasaaniin, sharafa alaa hambisuu fi qonna ammayyeessuuf gaheen deeggarsichaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment