Ministeerichi Tiraaktaroota 12 naannooleef gumaache

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa Tiraaktaroota qonnaa 12 qarshii miiliyoona 28tiin bituun naannaooleef gumaachuu isaa beeksise.
 
Ministeerichi naannoolee Beenishaanguul Guumz fi Gaambeellaaf guyyaa har’aa Tiraaktaroota gumaacheera.
 
Ergama ministeerichaaf kennaman keessaa naannoolee fi horsiisee bultoota deeggarsa addaa barbaadaniif deeggarsa taasisuudha jedhan daayreektarri jeneraalaa federaaliiziimii fi deeggasra addaa ministeerichaa Proofeesar Dagafaa Tolaasaa.
 
Naannoolee deeggarsa addaa barbaadan Afaar, Beenishaanguul Guumz fi Gaambeellaaf bara baraan birrii miiliyoonni dhibbi 4 fi miilyoonni 50 ramaduun gama ministeerichaan deeggarsi ni taasifama jedhan.
 
Deeggarsi kun qonna ammayyasuun ce’umsa teeknooloojii mirkaneessuu fi qonnaan bultoota teeknooloojii qonnaan waliin walbarsiisuuf shoora olaanaa qabaachuu dubbatan.
 
Bakka buutoonni naannoolee kanneenii furtuu fudhatanis, dargaggoota gurmeessuun fayyadamoo misoomaa akka ta’aniif kan hojjetan ta’uu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argamu ni muul’isa.
 
Comments (0)
Add Comment