Ministeerichi tajaajila kenniinsa Ministeera Konistiraakshinii fi Misooma Magaalaa ammayaawaa taasisuuf haala dandeessisu irratti mari’atan

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Ministeerri Konistiraakshinii fi Misooma Magaalaa tajaajila kenniinsa dameelee konistiraakshinii ammayyeessuuf hojii hojjechuu eegale akka deeggaru Ministeerri Innooveshinii fi Teeknooloojii beeksise.
Ministeerichi tajaajila kenniinsa Ministeera Konistiraakshinii fi Misooma Magaalaa ammayaawaa taasisuuf haala dandeessisu irratti mari’ataniiru.
Kenniinsa tajaajila eleektirooniksii,to’annoo hojii ijaarsaa teeknooloojin deeggarame, indaastirii aammayyessuuf,hojii sadarkaa isaa eeggate, galmee hojjetaa fi dameelee kunneen fakkatan teeknooloojiin deeggaramuun haaloota danda’amu irratti waliin hojjechuuf mari’ataniiru.
Deetaan Ministira Konistraakshinii fi Misooma Magaalaa, obbo Kaalidii Abdurrahaman akka himanitti hojimaata dhaabbata isaanii aammayyeesuun lammiileen tajaajila sadarkaa isaa eeggate akka argatan taasisuuf kan dandeessisu hojimaanni akka diriirfamuuf gaafataniiru.
Deetaan Ministira Innooveshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimaaddin Mahaammad akka himanitti dameelee jalqabni kennamuuf adda baasuun tajaajili ummataaf kennamu kan sadarkaa isaa eeggate akka tahuuf ministeerichi qophii ta’uu himaniiru ragaan Ministeera Innooveshiniifi Teeknooloojii irraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Comments (0)
Add Comment