Finfinnee, Eebla 2, 2015(FBC)- Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa sooma Guddichaafi Ramadaanaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii magaalichaa kuma 2fi 800’f maaddii qoodeera.
Ministeerichi maaddii kan qoode namoota harka qalleeyyii dhaabbata tola ooltotaa Baabul Heeyir keessatti hammataniif ta’uu eerameera.
Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin, hojiin akka kanaa aadaa walgargaaruufi wal jaallachuu kan guddisu ta’uu eeruun, yeroo ittaanuttis deeggarsi ministeerichi dhaabbilee hojii akka kanaa hojjetaniif taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbatichi namoota harka qalleeyyii kuma 3fi 800 ol dhaabbiin deeggaraa nyaataa taasisaa jiraachuu ibsameera.
Beeteliheem Mekuwaanintitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.