Ministeerichi sirna haaraa raawwii hojii abbootii alangaa madaalu qoratee hojiirra oolche

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Ministeerri Haqaa sirna haaraa raawwii hojii abbootii alangaa madaalu qoratee hojiirra oolchuu beeksiseera.
Hojjettoota gidduutti miira waldorgammii jajjabeessuun itti quufiinsa tajaajilamaa dabaluuf akka danda’amu sirni madaallii raawwii hojii ogeeyyii ifaa fi ammayyaa ta’e jiraachuu akka qabu ibsameera.
Ministeerichi hojmaata madaallii ogeeyyii qopheessuun hojeerra oolachaa tureera.
Hanqinoota Sirna madaallii kanaa yoo sirreeffame ogeeyyii tajaajila qulqulluu fi fooyya’aa kennuu danda’u harachuun akka danda’amu amanamuun Qajeelfamni haaraan sirna madaallii abbootii Alangaa lakkoofsi 32/2014 ba’uun gara hojiitti galamuu himameera.
Sirni madaallii raawwii kun si’oomina, qulqullinaa fi haala namuusaa tilmaama keessaa kan galche ta’uu isaan kan kanneen duraarra adda ta’uu Daayreektarri fooyya’iinsa sirna haqaa fi hordoffii piroojektootaa Obbo Noohi Takkalaan ibsaniiru.
Sirni madaallii kun abbootii alangaa qofa osoo hin taane hoggantoota adeemsaalee ogeeyyii kanneen dursan hunda kan ilaallatu ta’u kaasaniiru.
Keessattuu ga’umsi hoggansaa fi bu’aa qabeessummaa hojiif qabxii olaanaa kan laate ta’uu isaan miira dorgommiin karoora qabame haala fooyya’aan raawwachuuf kan gargaaru ta’uu daayrektarichi himaniiru.
Sirna madaallichaan ogeeyyii qabxii gadi aanaa argatan dandeettii isaanii cimsuuf tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu fi kanneen bu’aa gaarii galmeessan galateeffachuu fi jajjabeessuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.
Sirni madaallicha yeroo yeroon haalli isaa gamaaggamamuun fooyya’iinsi taasiifamuufii akka danda’u dubbataniiru.
Hojiirra oolmaa isaaf akkaatuma sanada waliigalteen dhaabbilee waliin mariin gaggeeffamaa jiraachuu eeruu isaanii ragaan fuula ministeerichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment