Ministeerichi Seera alummaa sirna daldalaa keessatti mul’atu to’achuuf ogeeyyiin Miidiyaa gahee ogummaa ba’achuu akka qaban beeksiise

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) – Seera alummaa sirna daldalaa keessatti mul’atu to’achuufi ittisuuf hojii hojjetamu keessatti ogeeyyiin Miidiyaa gahee ogummaa ba’achuu akka qaban Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Ogeeyyiin Miidiyaa Seerota, imaammataa fi tarsiimoowwan damichaa irratti hubannoo gahaa argatanii hojiirra oolmaa isaaf ga’eesaanii akka bahatanii Magaalaa Adaamaatti qaamolee Miidiyaa waliin mari’atamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Indaalew Mokonnin maricharratti akka ibsanitti, ogeeyyiin miidiyaa seeraan alummaa sirna daldalaa keessatti mul’atu to’achuufi ittisuuf hojii hojjetamu ogummaa isaaniitiin tumsuu akka qaban dhaamuu OBN gabaaseera

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment