Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Ministeerri Barnootaa sagantaa galateeffaannaa barattoota, maatii fi barsiisootaa gaggeesseera.
Guyyaan wal galateeffannaa sadarkaa biyyaalessaatti waggaa waggaan baatiin Caamsaa seenee Kibxata jalqabaa akka kabajamu Ministeerri Barnootaa ifoomseera.
Saganticharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa, abbootiin amantaa, namoonni bebbeekkamoon, barsiisoonni, maatiin barattootaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Sagantichi dhaloota galateeffataa horachuuf kan gargaaru ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faarahiin sirnicharri argamuun haasawa taasiisaniin himaniiru.
Guyyaa wal dinqisiifachuu fi wal galateeffachuu barattootaa, barsiistotaa fi maatii barattootaa Ministeerri Barnootaa fi Dhaabbanni Tola Ooltummaa ” Qin Ityoophiyaa” jedhamu Istaadiyeemii Finfinneetti waloon qopheessaniiru.
Barnootaa idileen laatamu caalaa dhaloota naamusaa fi amala gaarii qabu horachuuf sagantaaleen akka kanaa barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktarr Injiinar Geetaahun Makuriyaan ibsaniiru.
Yeroo ammaa akka Ityoophiyaatti manneen barnootaa kuma 46 keessatti barsiisonni kumni dhibbi 7 fi barattoonni miiliyoonni 27 hojii baruu fi barsiisuu keessatti hirmaachaa jiraachuu Dooktar Injiinar Geetaahun Makuriyaa himuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.