Ministeerichi sagantaalee fooyyessa tajaajila fayyaa 28 bocuun hojiirra oolchuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Ministeerri Fayyaa sagantaalee fooyyessa tajaajila fayyaa 28 bocuun hojiirra oolchuu ibse.

Ministeerichi raawwii karoora hojii bara 2014 hospitaalota biyyaalessaa magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Bara baajata 2014tti muuxannoo biyyoota garaagaraa fudhachuun tarsiimoon tuurizimii fayyaa qophaa’uu ministeerichatti Daayrektarri tajaajila kilinikaalaa Abbaas Hasan eeraniiru.

Dandeettii kenniinsa tajaajila hospitaalotaa guddisuuf deeggarsaa fi suphaa meeshaalee wal’aansaa, roodmaappii Ispeeshaaltii fi sabispeeshaalitii qopheessuu dabalatee sagantaaleen fooyyessa tajaajilaa fayyaa 28 bocamuun hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.

Hospitaalonni tajaajila qulqullina qabuufi ragaarratti hundaa’e akka kennaniif hojjetamaa jiraachuu ibsamuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment