Ministeerichi sagantaa barnoota biyya keessaa digirii 3ffaan tumsaan laataman ifoomse

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC) – Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo dhaabbilee barnootaa olaanoo garaagaraatti sagantaa barnoota biyya keessaa digirii 3ffaan tumsaan laataman ifoomseera.

Waggoottan shanan dhufanitti Yuunvarsiitiwwan Qorannoo fi Teeknooloojii barattoota kuma 5 Digirii 3ffaan leenjisuuf karoorfamuun kan yaadatamuudha.

Ministeerichi sagantaa barnoota biyya keessaa digirii 3ffaan tumsaan laataman har’a bakka buutoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo argamanitti ifoomseera.

Haaluma kanaan sagantaawwan Barnoota Qonnaa, Maanuufaacheriingii, Albuudaa, Tuuriizimii fi teeknooloojii Infoormeeshinii Kominiikeeshinii irratti kan xiyyeeffatan ta’uu ifoomeera.

Sagantaa barnoota biyya keessaa tumsaan laataman kanneeniif Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo humna namaa, qabeenya Faayinaasii, bu’uuraalee misoomaa fi dhiyeessii meeshaalee qaban waloon fayyadamuu akka danda’an Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqattoon ibsaniiru.

Ministeerichi biyyattiitti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tarsiimoo bocee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Biyyattiitti hojiilee Qoranoo fi Qoo’annoorraatti xiyyeeffachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Barsiisoonni qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ijoo ta’uu isaaniin yeroo itti aanu xiyyeeffannoon irratti ni hojjetama jedhan.

Karoora waggaa 10 keessatti dandeetti dhaabbilee barnootaa cimsuun humna nama baratee oomishuuf xiyyeeffannoon laatamee kan hojjetamu ta’uu Dooktar Saamu’eel ibsaniiru.

Yuunvarsiitiin Finfinnee, Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee, Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa, Aarbaa Minci, Bahaar Daar, Haromaayaa, Jimmaa, Maqalee fi Goondar barnoota kana tumsaan laachuuf filatamuu isaanii ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.

Viidiyoowwanis daawwadhaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment