Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa “ Namni tokko biqiltuu 100 dhaabuu” jedhu eegalchiisuu ibsameera.
Hoggantoonnii fi hojjettoonni Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Inistiityuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospaashaal Inxooxxootti Giddugala Ispeesii Afrikaa keessatti biqiltuu dhaabaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaaburra darbee hojiin kunuunsuu fi hordoffii taasisuu xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaa eeraniiru.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu kun iddoowwan biroottis kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.