Ministeerichi ramaddii Ambaasaaddaroota haaraa muuddamanii ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa ramaddii Ambaasaaddaroota haaraa muuddamanii ifoomseera.

Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Amajjii 18,2014 ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an muuduun isaanii kan yaadatamuudha.

Guyyaa har’aas  biyyoonni ambaasaaddaroonni kunneen itti ramadaman ifoomeera.

Haaluma kanaan:-

  1. Ambaasaaddar Baacaa Dabalee- Keeniyaa
  2. Ambaasaaddar Dooktar Inijinar Silashii Baqqalaa- Ameerikaa
  3. Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu- Jaappaan
  4. Ambaasaaddar Dassee Daalkee- Kooriyaa Kibbaa
  5. Ambaasaaddar Hasan Ibraahiim- Ijipt
  6. Ambaasaaddar Dhaabaa Dabalee- Ruwaandaa
  7. Ambaasaaddar Jamaal Bakar- Paakistaan
  8. Ambaasaaddar Faayisal Aliyyii- Kuwaataar
  9. Ambaasaaddar Isaayyas Gootaa-Moorookoo
  10. Ambaasaaddar Tsaggaa’aab Kabbabawu- Awustiraaliyaa
  11. Ambaasaaddar Mirete’aab Geetaa- Siwiidiin
  12. Ambaasaaddar Fiqaaduu Bayyanaa – Eeritiraatti kan ramadaman yoo ta’u ambaasaaddaroonni biroo ammoo teessoo isaanii Ityoophiyaa taasisuun biyyoota garaagaraatti ambaasaaddarummaan muuddamaniiru.
  13. Ambaasaaddar Xaafaa Tulluu- Biraaziil
  14. Ambaasaaddar Dooktar Geetinnat Tashoomaa-Kuubaa
  15. Ambaasaaddar Shittaayee Minaalee- Kootdivaayer
  16. Ambaasaaddar Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaa- Indooneezhiyaa
  17. Ambaasaaddar Rashiid Mahaammad- Zimbaabwee

Jeneraala Qoonsilaa ta’uun warreen ramadaman:-

  1. Ambaasaaddar Anteenehi Taarikuu- Gadaariif
  2. Ambaasaaddar Akililuu Kabbadaa- Dubaay
  3. Ambaasaaddar Sayid Mahaammad- Hargeessaa
  4. Ambaasaaddar Awwal Wagariis- Baahireen

Ittaanaa dursaa Miisiyoonaan kan ramadaman:-

  1. Ambaasaaddar Asaayyee Alamaayyehu- Gaanaa
  2. Ambaasaaddar Hayilaay Birhaanee- Jarman
  3. Ambaasaaddar Bizuunash Masarat- Hindii
  4. Ambaasaaddar Yoseef Kaasaayee- Niwuwoork
  5. Ambaasaaddar Zalaalam Birhaan- Waashingitan
  6. Ambaasaaddar Furtuunaa Diibaakoo- Beeljiyeem
  7. Ambaasaaddar Warqaalemayyehu Dassitaa- Keeniyaa
  8. Ambaasaaddar Wuubisheet Damissee- Ingilizii
  9. Ambaasaaddar Mulugeetaa Kaliil- Paakistaanitti ramadamuu

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa har’a laataniin himaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment