Ministeerichi proojektiiwwan dandamachiisa jireenya naannawaa gammoojjii irratti jila Puutlaandii fi Somaaliyaa waliin muuxannoo qooddate

Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii proojektiiwwan dandamachiisa jireenya naannawaa gammoojjii irratti jila Puutlaandii fi Somaaliyaa waliin sagantaa muuxannoo qooddachuu gaggeesseera.

Jilli biyyoota kanneenii guyyaa boruu irraa eegalee hojiilee naannawaa gammoojjiitti hojjetamaa jiran kan daawwatan ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaan, Somaaliyaa fi Puutlaand damee siyaasaan qofa osoo hin taane dhimmoota hawaasummaa fi diinagdeerrattis muuxannoo isaanii waliif qooduu akka qaban Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.

Yismaaw Adaraawutu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment