Ministeerichi pirojektii ragaalee lafa magaalaa ammayyeessuu hojiirra oolchuufi

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa deeggarsa Rippaabilikii Kooriyaarraa argame Doolaara miiliyoona 30’n pirojektii ragaalee lafa magaalaa ammayyeessuuf dandeessisu hojiirra oolchuuf ta’uu beeksise.

Ministeerichi dhaabbataa Mootummaa Kooriyaa ‘WAVUS JV’ jedhamu waliin waliigaltee kontiraataa mallatteesseera.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Caaltu Saanii wayita waliigaltechaatti Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa damee diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan hariiroo cimaa akka qaban ibsan.

Waliigaltichi hariiroon biyyoota lameenii daran kan cimsuu ta’uun ibsameera.

Qabeenya lafa magaalootaa biyyatti sirna qabiinsaa ragaalee ammayyaan deeggaruun, lammiileef tajaajila si’ataa fi seera qabeessa ta’e kennuuf kan tumsu ta’uun eerameera.

Waggoottan arfan dhufanitti pirojeektii magaalotaatti hojirra oolu namuusaa cimaan akka hogganamuuf, hoggantoonni sadarkaan jiran deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu akka taasisan hubachiisaniiru.

Sanada waliigaltichaa Ministir Deetaan Ministeera Magaala fi Bu’uuraalee Misoomaa Obbo Faantaa Dajanii fi Hojii Raawwachisaa Olaanaa Dhaabbataa “WAVUS JV” Kiim Haak Sungii mallatteessaniiru.

Pirojektiin kunis magaaloota Adaamaa, Hawaasaa, Walaayyittaa Sooddoo fi Baahirdaaritti kan hojjetaman ta’uun ibsameera.

Pirojektichi, dijitaalaayizeeshiini, sirna qabiinsa ragaa lafaa, ijaarsaa giddugalaa daataa, ijaarsaa dandeettii fi dameelee biroorratti kan xiyyeeffatu ta’uu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment