Ministeerichi Pirojektii Ismaarti Siitii Magaalaa Finfinneerratti Dippilomaatotaaf ibsa kenne

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC)-Ministeerri Dhimma Alaa Pirojektii Ismaarti Siitii Magaalaa Finfinnee ilaalchisee Dippiloomaatota teessoon isaanii Finfinneef ibsa kenneera.

Waltajjiichi, dippilomaatonni adeemsa misoomaa magaalattiitti gaggeeffamaa jiruu fi magaalaa teeknooloojiidhaan dagaagdee fi itti fufiinsa qabdu taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiranirratti hubannoo akka qabaataan kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.

Ministirri Ministeerichaa Amabaasaddar Taayyeen Atsiqasillaaseen haasawaa taasisaniin, hariiroo damee hedduu, gamlamee fi naannawaa naga qabeessa akka ta’uu Itiyoophiyaan kutannoon kan hojjettu ta’uu himan.

Pirojektiin Ismaarti Sitiis bu’uuraalee misoomaa cimsuu, tajaajilaa hawaasaa fooyyessuu, magaala mijattuu taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu kaasaniiru..

Hawaasni dippilomaasiis tarsiimoowwanii fi pirojekticha fuulduratti tarkaanfachiisuuf tumsa akka taasisan gaafatan.

Hojii Raawwachisaa Olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee Injinar Mogas Xibabuu gama isaaniin misooma kooriidarii Magaalaa Finfinneerratti ibsa dhiyeessaniin, Itiyoophiyaan magaalaa ammayyoofte ijaaruu fi teeknooloojiiwwan hojiirraa oochuuf kutannoo qabaachuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Waltajjichis hawaasni dippilomaasii qindoominaa fi hirmaannaan akka taasisan kan tumsuudha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment