Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Naannoo Oromiyaaf paampiiwwan bishaan harkisan 900 Naannoo Oromiyaaf deeggarsa taasise.
Paampiiwwan bishaanii kanneenis Ministirri Ministeerichaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatti kennaniiru.
Sirna Walharkaa fuudhiinsichaarratti Injiinar Ayishaan, hojiilee damee qonnaan Naannoon Oromiyaa hojjetaa jiru dinqisiifatanii, paampiiwwan bishaanii kunneenis hojiilee misooma qamadii jallisiin naannichi hojjechaa jiruuf tumsa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Deeggarsichis cimee akka itti fufu eeran.
Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin, ministeerichi erga hundeeffamee yeroo gabaabaa ta’us, biyyattin damee qonnaan bu’aa argamsiisaa jirtu keessatti, gahee isaa bahachaa jiraachuu eeran.
Paampiiwwan bishaanii kunneenis jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa kan jijjiiraniidha jedhan.
Ministeerichi barana naannoolee fi bulchiinsa magaalotaa biyyattiif paampiiwwan bishaan harkisan kuma 4 ta’an dhiyeessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.