Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC) – Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa naannoo Amaaraatti lammiilee buqqa’an dhaabuuf Birrii biiliyoona 1.1 deeggarsa taasiseera.
Deeggarsi kun lammiilee sababoota garaagaraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf kallattiin Lakkoosfa herreega Baankii isaanitti gala jedhame.
Maallaqichi fayyadamtootaaf yeroon akka qaqqabu mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu gaafatameera.
Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan wayita deeggarsicha fudhatan haasawa taasiisaniin, naannoo Amaaraatti sababa walitti bu’iinsaan lammiileen hedduun buqqa’uu ibsaniiru.
Lammiilee kanneen deebisanii dhaabuuf tattaaffii olaanaan taasiifamaa jiraachuu eerun, lammiileen kunneen hanga jireenya idilee isaanitti deebi’anitti qaamni hundi tumsa barbaachisu taasiisuu akka qaban gaafachuu AMC gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.