Ministeerichi magaalota 22 keessatti meeshaawwan qisaasama bishaanii hir’isan dhaabsisuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii  magaalota 22 keessatti meeshaalee  ammayyaa qisaasama bishaanii hir’isan, yaa’iinsa bishaanii safaranii fi to’atan dhaabsisuuf dhaabilee garaagaraa waliin waliigaltee mallatteesse.

Waliigalticha Ministeerichatti Ministir Deetaan damee Bishaan Dhugaatii fi Saaniteeshinii Asfaaw Diiingaamoo, hojii gaggeessaan dhaabbata G6 Trading obbo Mulugeetaa Balaaynah fi bakka buutuun dhaabbata Agraabaat Konistiraakshinii fi Waadaa Injinariing aadde Fitsum Birhaan mallatteessaniiru.

Meeshaaleen kunneen qisaasama bishaanii kan hir’isan ta’uu ibsameera.

Proojekticha hojiirra oolchuuf Birrii miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 82 ol ramadamuu ibsameera.

Maallaqichi Baankii Addunyaatti sagantaa Dhiyeessii Bishaan Dhugaatii fi Saaniteeshiniirraa kan argame ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment