Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa lammiilee iddoolee garaagaraatti qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif meeshaalee Birrii miiliyoona 50 olii tilmaamamu deeggarsa taasiseera.
Ministeerichi lammiilee Godina Matakkal, Axaayyee fi naannoo Tigraayitti qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun rakkoolee garaagaraaf saaxilamaniif meeshaalee Birrii miiliyoona 50 olitti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.
Akka EBCn gabaaseetti deeggarsicha Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa, Ministeerri Aadaa fi Tuurizimii fi Ministeerri Fayyaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun kan qopheessan akka ta’e himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.