Ministeerichi Lammiilee Godina Goofaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 6.8 taasise

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)- Ministeerri Bishaanii fi Inarjii lammiilee Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhaan irra qaqqabeef kan ooluu deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 6.8 olitti tilmaamamuu taasiseera.

Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun kabbadaan deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan balichaan lubbuu lammiilee darbeetti gadda itti dhaga’ame ibsuun maatiiwwaaniifi firoottaniif jajjabina hawwuu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment