Ministeerichi lammiilee Godina Goofaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 4 ol taasise

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartoota fi Hawaasummaa lammiilee Godina Goofaatti sababa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 4.6 olitti tilmaamamuu taasiseera.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen lammiilee lubbuun darbaniif gadda itti dhaga’ame ibsuu deeggarsicha kennaniiru.

Maatiiwwaanii fi firoottaniif jajjabina hawwaniiru.

Ministeerichi Birrii miiliyoona 2 Maallaqaa callaan Birrii Miiliyoona 2.6 immoo akaakuun waliigalaatti deeggarsa Birrii miiliyoona 4.6 taasisuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannicharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment