Ministeerichi Konkolaattoota Birrii miiliyoona 234 oliin bite naannolee fi bulchiinsa magaalootaaf dabarse

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa Konkolaattoota Birrii miiliyoona 234 oliin bite naannolee fi bulchiinsa magaalootaaf dabarseera.

Konkolaattoota Toyoottaa Haard Tooppi jedhaman 42 naannolee 12, bulchiinsa magaalootaa 2 fi dhaabbilee federaalaa 4’f qoodeera.

Konkolaattoonni kunneen deeggarsa Maallaqaa Baankii Addunyaarraa argameen kan bitaman ta’uu ibsameera.

Gama biroon Kompiyuutarootaa Deeksi Tooppii 305 galteewwan isaa guutuu waliin Birrii miiliyoona 171 bitaman guyyoota itti aanaan keessa kan qoodaman ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment