Ministeerichi karoorri damee fayyaa akka milkaa’uuf hoggansi murannoon akka hojjetu hubachiise

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) –bara baajata dhufutti damee fayyaan karoorri qabame akka milkaa’uuf hoggansi sadarkaan jiru murannoon akka hojjetu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan hubachiisaniiru.

Waltajjiin Waloo Ministeera Fayyaa, Biiroolee Fayyaa Naannolee fi dhaabbilee waamamtootaa Magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffama ture xumurameera.

Dooktar Maqdas haasawaa taasiisaniin, tajaajila fayyaa qulqullinaa fi haqaa qabeessaa ta’ee waliin gahuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamuu ta’uu dubbataniiru.

Guddina damee fayyaaf ,dhibeewwaan ittisuu fi faayinaasii damicha guddisuuf kan hojjetamuu ta’uu ibsaniiru.

bara baajata dhufutti damee fayyaan karoorri qabame akka milkaa’uuf hoggansi sadarkaan jiru tumsaan hojjechuu akka qaban dooktar Maqdas dhaamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment