Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)-Ministeerri Galiiwwanii barana kan bara darbeerraa galii %70 ol caalmaa qabu walitti qabuu beeksise.
Ministeerichi waltajjii gamaaggama raawwii bara baajataa 2016 fi karoora 2017 Magaalaa Arbaamincitti gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti Ministirri Ministeerichaa Aadde Ayinaalam Niguseen akka jedhanitti bara baajataa 2016 galiin Birrii biiliyoonaa 529.3 walitti qabuuf karoorfameen galiin Birrii biiliyoona 512.82 walitti qabameera.
Raawwiin kunis %96.88 ta’uu eeranii kan bara darbeen yoo walbira madaalamu %70.81 caalmaa akka qabu himan.
To’annoo maxxansa nagahee sobaa, saffisa kenniinsa tajaajilaa fi fooyyessa teeknooloojiirratti jijiiramoonni taasifaman galii walitti qabameef gumaachuu dubbataniiru.
Bara baajataa dhufu kanattis raawwiin kun cimee akka itti fufu akeekaniiru.
Daawwit Goosaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.