Ministeerichi jila Somaaliyaa waliin hojiilee damee magaalaa fi bu’uuraalee misoomaarratti hojjetaman irratti muuxannoo waljijjiire

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa jila Somaaliyaa, Moqaadishoo waliin hojiilee damee magaalaa fi bu’uuraalee misoomaarratti hojjetaman irratti muuxannoo waljijjiireera.

Waltajjicha irratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Injiinar Wandimmuu Seetaan jila Moqaadishoo daayreektara olaanaa Ahimad Imaaniin durfamu muuxannoo hojiilee damichairratti hojjetaman fudhachuuf gara Ityoophiyaa dhufan galateeffataniiru.

Injiinar Wandimmuun ummattoonni Ityoophiyaa fi Somaaliyaa obboleewwan ta’uu eeruun, Soomaliyaan damicharraa muuxannoo fooyya’aa fudhattee milkaa’ina akka galmeessitu gargaaruuf qophii ta’uu himuu isaanii ragaan Ministeerichaa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment