Ministeerichi hawaasaa  naannoo Somaalee naannawaa Kaaluubii fi Hilaalaatiif Birrii Miiliyoona 113 gumaache

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Ministeerri Albuudaa misooma hawaasaa  naannoo Somaalee naannawaa Kaaluubii fi Hilaalaatiif Birrii Miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 13 gumaache.

Dhaabbileen naannawichatti boba’aa fi gaazii baasuuf bobba’an waggoottan 5 darbaniif akkaataa waliigaltee isaaniin hawaasa naannichaaf  kaffaltii kan hin raawwanne ta’uu fi Ministeerichi waliigaltichi hojiirra akka oolu taasisuu Ministirri  Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalee Uumaan wayita Birricha dabarsanii laatan ibsaniiru.

Kanaan dura naannichatti dhaabbileen hedduun hawaasa waliin qindaa’uun hojjechuuf rakkoon turuu kaasuun, dhaabbileen tokko tokko hojii boba’aa baasurratti bobba’anii turanus rakkoo maallaqaarraan kan ka’e addaan kutanii ba’uu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa kanas hojiileen haala barbaadameen hojjetamaa kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.

Yeroo ammaa hojiirra kan jiru dhaabbata Chaayinaa Poolii Jiisii jedhamu ta’uu yaadachiisuun, dhaabbatichaaf baatiin ja’a kennameefii amma baatii 5ffaarra jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbatichi yeroo hafetti hojiileesaa haalaan gamaaggamee jijjiirrama yoo fide waliigalteen isaa kan haaromfamuuf ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi jijjiirama fiduu baannaan baafamee kan biraa kan galu ta’uu addeessaniiru.

Saganticharratti Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad dabalatee Ministiri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa fi Ministirri Ministeera  Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen akkasumas hawaasni naannawichaa argamaniiru.

Tsagaayee Wandwasntu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment