Ministeerichi Gamtaa Ogummaafi Teekinika Chaayinaa- Afrikaa waliin qindoominaan hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Amajjii 8, 2015(FBC)- Ministeerri  Hojiifi Ogummaa Gamtaa Ogummaafi Teekinika Chaayinaa- Afrikaa waliin qindoominaan hojjechuuf waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltichi dhaabbilee teekinikaafi ogummaa Ityoophiyaa teekinooloojiin deeggaruuf akkasumas leenjii barsiisotaafi carraa barnoota bilisaa barattootaa kennuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi biyya damichaan bu’aa qabeessa taate Chaayinaa waliin mallatteeffamuun isaa muuxannoo gaarii argachuuf kan dandeessisu ta’uu Ministeerichatti Ministir Deetaan Damee Teekinikaafi Ogummaa Tashaalaa Bareechaan eeraniiru.

Baatiiwwan dhufanittis piroojektiiwwan waliigalticha gara hojiitti hiikan kan bocaman ta’uu dubbataniiru.

Qiddist Abaataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment