Ministeerichi fooyya’insa caaseffamaa gaggeessaa jiruun dhiyeenyatti hojiitti akka seenuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa fooyya’insa caaseffamaa gaggeessaa jiruun dhiyeenyatti hojiitti akka seenuu beeksiseera.

Ambaasaaddarota dhiyeenya ramaddiin laatameef iddoowwan ramadamaniitti osoo hin imalin biyya keessa ta’uun akka hojjetan itti gaafatamummaan laatamuufi ibsameera.

Ityoophiyaa mirgaa fi faayidaa biyyoolessaa lammiilee akkasumas diinagdee, siyaasaa fi dippilomaasii kan kabachiisuu imaammataa biyya alaa adeemsisaa akka jirtu Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Imaammatichi keessaayu dameewwan daldalaa, inveestimantii fi tuurizimii, birmadummaa fi ijaarsa biyyaatin Ityoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa mirgisaanii akka kabajamuurratti kan xiyyeeffatu ta’uu himaniiru.

Akkasumas jijjirramoota idil addunyaa, biyyoolessaa tilmaamuun imaammanni alaa dameewwan hedduu hojiirra kan ooluu ni ta’as jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment