Ministeerichi eeyyama faddaaltota kuma 8fi 517 haquu beeksise

Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)-Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa eeyyama faddaaltota kuma 8 fi 517 haquu beeksiseera.

Faddaaltonni kunneen hojii faddaalummaa midhaanii, beelladaafi kuduraafi muduraarratti bobba’anii kan turan ta’uu ibsameera.

Faddaaltonni kunneen gatii qalessuun ala sona tokkollee waan hin daballeef eeyyamni isaanii haqamuu hojii raawwachiisaan qajeeltoo eeyyamaafi to’annoo ministeerichaa obbo Jiraataa Namarraan Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Faddaaltonni dameewwan dhaabbiifi socho’an irratti hojii walitti fiduu akka hojjetaniifi dameewwan faddaalummaa midhaanii, beelladaafi kuduraafi muduraarratti gaheesaan qaban seeraan akka haqamu taasifamuu kaasaniiru.

Gara fuuladuraatti bittaafi gurgurtaan nagaheen akka gaggeeffamu taasisuun adeemsi faddaaltota to’achuu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment