Ministeerichi DhMGtti dhaabbata walqixummaa Koorniyaa fi Dubartoota Ga’oomsuu waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbata walqixummaa Koorniyaa fi Dubartoota Ga’oomsuu waliin waliigaltee waliif mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Ministiri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi dhaabbata walqixummaa Koorniyaa fi Dubartoota Ga’oomsuu dhaabbatichaatti Ittaanaan Bakka Bu’aa fi Itti Waamamaa Olaanaan Yeroo Shaadiraak Duusaabeen mallatteessaniiru.

Dhaabbatichi Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin hariiroo hojii yeroo dheeraa kan qabu ta’uu Dooktar Ergoogeen ibsaniiru.

Dhimma dubartootaarratti hojiilee milkaa’oo hedduu waliin hojjechuus kaasaniiru.

Sandni waliigaltee kun karoora ijoo waggoottan 10 akkasumas galmoota misoomaa waaraa milkeessuuf ga’ee qabaachuu eeruu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment