Ministeerichi dhimmoota bishaanii fi inaarjiirratti Dhaabbataa Misoomaa Neezarlaandii waliin mari’ate

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa, Hoji Gaggeessaa Dhaabbata Misoomaa Neezarlaandii Saayiman O Koneel, dhimmoota bishaanii fi inarjiirratti walta’iinsaan hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Dooktar Injiinar Habtaamuun, hojiilee riifoormii dhaabbatummaa waggaa darbe gaggeesseen, bishaan dhugaatii, eeggannaa qulqullinaa fi misooma inarjiirratti xiyyeeffannaan hojjechuun gurmaa’ina haaraa uumuun hojiitti seenamuu eeran.

Dhaabbata Misoomaa Neezarlaandi waliinis fuulduratti dameewwan misoomaa irratti hojjetan kan ibsan yoo ta’u, dhiyeessii inarjii haareffamaa, keessumaa naannawaa baadiyyaa Ityoophiyaatti pirojektoota kallattiin hawaasaa fayyadamtoota taasisan irratti xiyyeeffatamuu akka qabu eeraniiru.

Akka biyyaatti, waliin gahiinsa dhiyeessii bishaan dhugaatii guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru tumsuun akka barbaachisu, akkasumas bishaan lafa jalaa misoomsuun faayidaarraa oolchuu, bishaan roobaa cimmisuun itti fayyadamuu, bu’uuraalee misoomaa bishaanii fi sirna bulchiinsa odeeffannoo qabeenya bishaanii irrattii tumsan xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbataa Misoomaa Neezarlaand Saayiman O Koneel gama isaaniin, Moozaambiik, Keeniyaa fi biyyoota birootti pirojektoota yaalamanii bu’a qabeessa ta’an irratti Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment