Ministeerichi dhaabbilee fayyaa miidhaan irra ga’e deebisanii dhaabuuf waamicha deeggarsaa dhiyeesse

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa dhaabbilee fayyaa miidhaa cimaan irra ga’e  deebisanii dhaabuu fi gara hojiitti galchuuf  waamicha deeggarsaa dhiyeessuu ibsame.

Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti dhaabbilee fayyaa barbadeessuu fi saamuun isaa ni yaadatama.

Miidhaa garee shororkeessaa kanaan irra ga’een dhaabbileen fayyaa kuma 2 fi dhibba 7 ol tajaajila kennaa kan hin jirre ta’uu ibsameera.

Miidhaa dhaabbilee fayyaarra qaqqabeen kenniinsi tajaajila fayyaa danqamuu fi lammiilee hedduun rakkoof saaxilamaniiru.

Hospitaalotaa fi buufataalee fayyaa naannoo walitti bu’iinsi uumametti dhiyoo jiran namoota baayyeen akka cinqamanii fi humna isaanii ol akka keessumeessan taasisuu ministeerichi ibsera.

Tajaajila fayyaa waaraa kennuu fi tajaajilicha gara duraatti deebisuuf ministeerichi waamicha deeggarsa gama maraa dhiyeesseera.

Ministeerichi deeggarsa walitti qabuu fi qindeessuuf koree hundeessuu ibseera.

Namoota dhuunfaanis ta’e gareen deeggarsa taasisuu barbaadaniif ministeerichi deeggarsa odeeffannoo barbaachisaa ta’e taasisuuf qophii ta’uu ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment