Ministeerichi barattoonni yuunvarsiitii seenan ragaalee barbaachisoo akka guutaniif waamicha dhiyeese

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Ministeerri Barnootaa  barattoonni yuunvarsiitii seenan guyyoota ragaalee guutuuf kennaman keessatti ragaalee barbaachisoo akka guutaniif waamicha dhiyeeseera.

Barattoonni bara 2013 qormaata seensa dhaabbilee olaanoo fudhatan fi  qabxiin galmeessisan ramaddii yuunvarsiitiiwwan mootummaa argachuu kan isaan dandeessisu kanaan dura filannoo dhaabbilee fi muummee  barnootaa taasisanii turuu ministeerichi yaadachiiseera.

Haaluma kanaan ministeerichi yeroo dhiyootti ramaddii kan taasisu ta’uu eeruun ragaalee armaan gadii akka guutan gaafateera.

1ffaa Dandeettii fudhachuu yuunvarsiitiiwwanii fi raawwii qabxii giddugaleessaa barattootaa hubannoo keessa galchuun filannoo yuunvarsiitii isaanii hanga Bitootessa 13,2014tti marsaritii Portal.neaea.gov.et seenuun akka sirreessan gaafateera.

Ramaddiin erga taasifamee booda komii jijjiirraan walqabatu kan hin keessummeessine ta’uu ministeerichi ibseera.

2ffaa barattoonni sababa fayyaa fi dhimmoota garaagaraan rammaddiin haala addaan akka ilaalamuuf iyyatan ragaalee isaanii hanga Bitootessa 11,2014tti gama marsaritii https://student.ethernet.edu.et akka ergan yaadachiiseera.

Ragaa qaamaan dhiyaatu kamiinuu kan hin keessummeessine ta’uu ministeerichi ibseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment