Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Ministeerri Qonnaa bara oomishaa 2015/16’f xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 12.8 bituu ibseera.
Kanneen keessaas kuntaalli kumni dhibbi 5 xaa’oo biyyee Yuuriyaa ta’uu eerameera.
Bittaan isaa erga raawwatameen booda hojii gara biyyaatti geejjibsiisuu hojjetameen hanga ammaatti meetirik tooniin kumni 42 gara biyyaa seenuu eerameera.
Gatiin gurgurtaa isaa bu’uura gatii idil addunyaan kan raawwatu ta’uufi yeroo dhiyootti kan ifoomsan ta’uu Ministeerichatti Ministir Deetaan Damee Invastimantiifi Galtee Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan ibsaniiru.
Xaa’oo kanneen cinaatti qonnaan bulaan xaa’oo uumamaa akka fayyadamuuf gama ministeerichaan hordoffii taasisuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.
Yismaawu Adaraawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.