Ministeerichi baatiwwan 8 keessaatti galii Birrii biiliyoona dhibba 2 biiliyoona 21 ol walitti qabu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)- Ministeerri Galiiwwanii baatiwwan 8 keessaatti galii Birrii biiliyoona dhibba 2 biiliyoona 21 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoon 87 fi kuma dhibba 5 fi kuma 62 fi 425.97  walitti qabu beeksiseera.

Ministeerichi galii Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 40 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 38 fi kuma 604 fi 387.2 walitti qabuuf karoorseen, galii Birrii biiliyoona dhibba 2 biiliyoona 21 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoon 87 fi kuma dhibba 5 fi kuma 62 fi 425.97  walitti qabu danda’eera.

Kanaanis karoorasaa % 92.16 galmaan ga’uu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyalaaw fuula miidiya hawaasa isaaniin ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment