Ministeerichi akkaataa kenniinsa bu’aa qormaataa kutaa 12ffaa bara 2013 irratti ibsa laate

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Ministeerri Barnootaa akkaataa kenniinsa bu’aa qormaataa kutaa 12ffaa bara 2013 fi qabxii darbiinsaa irratti ibsa laateera.

Qormaanni kutaa 12ffaa bara 2013 marsaa lamaan laatamuunsaa kan yaadatamu yoo ta’u akkaataan qabiinsa qabxii fi qabxiin darbiinsaas garaagara ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan barattoota marsaa jalqabaan qormaaticha fudhataniif bu’aan qormaata siiviksii kan hin qabamne yoo ta’u qabxiin  darbiinsa %50 fi isaa ol ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Qoramtoota marsaa jalqabaaf qabxiin kan qabame saayinsii uumamaaf 600, saayinsii hawaasaaf 500, warreen qaroo dhabeeyyiif 400 keessaa kan qabame yoo ta’u warreen marsaa 2ffaan qormaata fudhataniif ammoo saayinsii uumamaaf 700, saayinsii hawaasaaf 600, warreen qaroo dhabeyyiif 500 keessaa kan qabame ta’uu ibsameera.

Akkaataa kenniinsa qabxii qormaatichaa marsaa lamaaniin kenname gabatee armaan gadiirraa ilaaluun ni danda’ama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment