Milkiiwwan 2014 caalmaatti jabeessinee injifannoowwan dachaatiifis haa onnannu- Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Milkiiwwan keenya bara 2014tti galmaa’an caalmaatti jabeessuun injifannoowwan dachaatiif onnachuu qabna jedhan jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa.

Obbo Fiqaaduu Tasammaa bara haaraa 2015 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutummaan ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Nuti Itoophiyaanotni falaasamoota siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee dabalatee dhimmoota garaa garaatiin hawaasa kutaa addunyaa biroo irraa wantoota adda nu godhan hedduudhaan kan badhaafamneedha.

Kanneen keessaa falaasamni lakkoofsa waggaa keenyaa isa tokkoodha.

Kunis falaasama jireenyaa mataa keenyaan kan beekamnu, eenyummaa keenya dhugaa abbootii keenya irraa dhaalle kunuunfannee qaroomina jaarraa lakkoofsiseen faayamnee ha’a kan geenye uummata guddaa ta’uu keenya agarsiisa.

Baatiin fulbaanaa kan barri itti jijjiiramu qofa osoo hin ta’in baatii abdii haaraadhaan boqonnaa mul’ata biraa itti eegalludha.

Qonnaan bulaan dhamaatiif fi bu’aa bahii bacaqii gannaatiin booda naqata firii oomisha isaa ijaan arguun abdii kan itti horatu, barataan muuxannoo adeemsa baruuf barsiisuu bara darbee irraa baratee gulantaa barnootaa haaraaf kan itti of qopheessu, barsiisotni dhaloota beekumsaan gahoomsuuf galmaa fi mul’ata haaraan kan itti onnatan walii galaan Itoophiyaanotni kan kaleessaa irraa baratanii boruu isaanii gammachuun jiraachuuf abdii horatanii hawwiidhaan kan eeggatan jijjiirraa bara haaraati.

Hawaasni guutuu Oromiyaa keessa jiraattan, Itoophiyaanotni kutaawwan addunyaa garaa garaa keessatti argamtan bara haaraa 2015 tti baga nagaan ceetan jechuun barbaada.

Barri2014 injifannoowwan, Qormaatilee fi Carraawwan hedduudhaan kan dabaalame ture. Baandaawwan biyya keessaa hawwii ergitoota isaanii galmaan gahuun biyya nagaa qabdu diiguuf carraaqqiin isaan taasisaa turan qormaatawwan nu muudatan keessaa isa ijoo ture.

Keessumattuu ergama badii hojii manaa kan godhate humni shororkeessaa TPLF yaadama diigumsaa fi qoqqoodiinsaa facaasuun tokkuummaa fi waliin jireenya lammiilee diiguuf dhamaatii hedduu taasisaa jiraatus hirmaannaa fi qindoomina lammiilee biyyattiitiin abjuu ta’ee hafee jira.

Shira dhokataa humni badii kun tarkaanfachiise fi sochii diigumsaa taasiseen lubbuu qaalii lammiilee hedduu kan itti dhabne, dhiibbaawwan diinagdee fi hawaasummaa baay’eedhaaf kan itti saaxilamne ta’us cancala waliin jireenya cimaa fi jaalala dhugaa lammiileen biyya isaaniitiif qaban irraa ka’uun hawwiin biyya diiguu humnootni badii kun qabatan akkaataa fedhii isaaniitiin osoo hin milkaahin fashalaahuu danda’eera.

Ammas humni shororkeessaa TPLF marsaa 3ffaadhaaf biyya keenya irratti waraana banee yeroo jiru kanatti birmadummaa biyya keenyaa eeguuf tarkaanfii fudhatamaa jiru keessatti tumsi lammiilee biyyattii akkuma duraanii cimee itti fufee argama.

Sabdaneessummaa keenya akka carraatti fayyadamuudhaan adeemsi diinotni keenya biyya diiguuf taasisaa turan akka yaadan ta’uu dhabuu isaatiin waraana shira diinadgeetiin qaala’iinsi jireenyaa jabaatee uummatni mootummaa irratti mufannaa akka horatuu fi abdii kutatuuf sochiin taasisan salphaa hin turre.

Qaala’iinsi jireenyaa dhiibbaawwan waqtaawaa akka addunyaatti jiraniin wal qabatee jijjiiramootni gahaa ta’an irratti mullachuu haa batanuyyuu male, kanaan dura haala hin baramneen jallisii boneetiin Qamadii bal’inaan oomishnee dhiibbaa cancala daldalaa shira diinagdee dhokataa ta’een marfamee ture kan itti qolanne milkaahinoota keenya ijoo bara 2014 keessaa isaan muraasadha.

Barri 2014 qormaatawwaniin gamatti injifannoowwan biyyoolessaa ajaa’ibsiisoo hedduus kan itti galmeessine ture. Keessattuu mallattoo sab daneessummaa, agarsiiftuu tokkummaa fi ol ka’iinsaa akkasumas mul’iftuu milkii badhaadhina keenyaa kan ta’e qabiinsa Bishaanii Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa marsaa 3ffaa kan itti milkeessine, ifaa tarbaayinii 2ffaa maddisiifnee milkiin badhaadhina keenyaa dhiyoo ta’uu kan itti mirkaneessine bara seena qabeessa ture.

Hedduuwwan diigumsa keenya osoo abjootanii, kufaatii keenyas osoo hawwanii filannoo diimokraatawaa fi hunda hirmaachisaan boodatti hundeeffama mootummaa diimokrtaawaa kan itti gaggeessinedha. Akka paartii badhaadhinaattis yaa’ii walii galaa 1ffaa hirmaachisaa fi hammataa ta’e kan itti gaggeesine bara injifannoon injifannootti ceeneedha.

Walumaa galatti barri 2014 injifannoowwan, qormaatawwan fi carraawwaniin bifa dabaalameen kan dabarsine, qormaata keessa dhaabbannee injifannoo galmeessuun akka danda’amus kan itti baranne, imalli badhaadhinaa baay’achuu qormaataatiin goonkumaa kan hin gufanne ta’uu kan itti mirkaneessine akkasumas Itoophiyaanotni tumsitoota imala badhaadhinaa ta’uu addunyaan kan ragaa bahedha.

Har’a bara haaraa simachuuf yeroo qophoofnee jirru kanatti nageenya biyya isaaniitiif waardiyyaa kanneen ta’an, birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qolannaaf tarkaanfii aggaammii diinaa gaggeessuu irratti kanneen argaman goototni Raayyaa Ittisa Biyyaa, humna addaa, milishaa fi tumsitootni caasaa nageenyaa biroon dhiibbaawwan hundaa dandamatanii bu’aa bahiiwwanis tarkaanfatanii baandaa biyya diiguuf abjootee ka’e deebisuuf tattaaffachaa jiru.

Kanaafuu bara haaraa kana yemmuu simannu aarsaa gootichi raayyaa ittisa biyyaa fi caasaaleen nageenyaa kaffalaa jiran yaadachaa, gootummaa isaaniitiifis kabaja laachaa deeggarsaa fi tumsa gama hundaan eegalle cimsinee akka itti fufnu dhaamuun barbaada.

Inifannoo, qormaatni fi carraawwan 2014 irraa barnootni arganne sochiilee gama diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin bara 2015 gaggeessuuf qabanneef galaa nuuf ta’uutu irra jiraata.

Hundaa olitti tokkummaan sabdaneessummaa keenya bu’uureffate iccitii milkiiwwan keenyaa ta’uu dagachuun nurra hin jiraatu. Bara 2014 jaalalaa fi dhiifama dhugaatiin haa ceenu. Milkiiwwan keenya 2014 caalmaatti jabeessinee injifannoowwan dachaatiifis haa onnannu.

Carraawwan qabnu hundaa sirnaan fayyadamuudhaadhaan galfata badhaadhina keenyaa haa taasifnu.

Irra deebi’uudhaan baga bara 2015tti nagaan ceetan jechaa, barri haaraan jaalala malee jibbaa kan itti hin keessummeesine, nageenya male walitti bu’iinsa kan itti hin dhageenya, diinotni keenya kasaaranii tokkummaan keenya kan itti jabaatu bara jaalalaa, milkii fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii koon ibsa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment