Milkaa’inni Ashaaraa Magariisaa dandeettii raawwachiisummaa biyyattii kan argisiisudha-TKM

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Sagantaa Ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan Biiliyoona 24 fi miiliyoonni 2 ol dhaabamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Tajaajilichi ibsa baaseen milkaa’inni Sagantaa Ashaaraa Magarisaa dandeetti raawwichiisummaa Ityoophiyaa kan argisiisudha jedheera.

Bara 2011 Pirojektiin Ashaaraa magariisaa Muummee ministiraaAbiy Ahimadiin egalame waggoota walitti aanan afuriif pirojektii biyyaalessaa biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf eegalame ta’uu yaadachiiseera.

Waliigalaan hanga ammaattis biqiltuuwwan biiliyooni 24 fi miiliyoonni 2 ol dhaabamuu eereera.

Kunis karooraa qabameen biqiltuu biiliyoona 4 caaluu ibseera.

Pirojektiin biyyaalessaa akkanaa faayiaa diinagdee fi naannawaa qabaachuu caalaa, dandeettii raawwachiisummaa biyyattii kan argisiisu injifnannoo biyyaalessaa olaanaadha jedheera.

Milkaa’inni kunis Ityoophiyaan hongee qofaan kan yaadatamtu utuu hintaane, biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun bu’aa raajeffachiisaa galmeessuu kan dandeessu ta’uu kan mirkaneessuudha ibseera.

Kaayyoon pirojektichaa, balaa mancaatii bosonaa hir’isuun, dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuun, dalalii hidhaalee ijaaramaniirraa baraaruun misooma sululaa fi bosonaa kan mirkaneessu ta’uu Tajaajillii Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Biyyattiitti buufataalee biqiltu kuma 120tti carraan hojii kan uumame ta’u eeruun, sagantaa kanaan duulaan dhaabuu qofa utuu hintaane kunuunsanii guddisuu fi bu’aa qabeessa taasisuun dhimma xiyyeeffannoo barbaaduudha ibseera.

Qorraa fi rooba utuu hinjenne ashaaraa isaanii kanneen kaa’an hunduu Ityoophiyaan ni galateffatti jechuun, fuuldurattis biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuun guddisuun, galmi qabame akka milkaa’uuf hundu gahee isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment