Finfinnee, Onkololeessaa 3,2014(FBC) – Milkaa’inni ajandaa Afrikaa akka dhugoomuuf Ityoophiyaan dursa kan laattu ta’uu Ministeera Dhimma Alaa beeksise.
Walga’iin Mana Maree Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan Ityoophiyaatti gaggeeffamuun isaa Ityoophiyaan milkaa’ina ajandaa Afrikaaf dursa akka kennituu fi murannoo qabaachuu ishee kan agarsiisu ta’uu Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektar Jeneraalaa Dhimmoota Prootokoolii obbo Fayisal Aliyyii ibsaniiru.
Ityoophiyaan yeroo hundayyuu ajandaan Afrikaa akka milkaa’uuf ejjennoo cimaa kan qabdu ta’uu fi tattaaffii gootus cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.
Walga’iin Mana Maree Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan guyyaa boruu magaalaa Finfinneetti eegalamuu maqaa gaarii Ityoophiyaan qabdu beeksisuuf ga’ee olaanaa qabaachuus himaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.