Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Milkaa’ina sagantaa Iid hanga Iid marsaa 2ffaan Waxabbajjii 24 eegaluuf qaamolee dhimmi ilaallatuu itti gaafatamummaasaanii ba’aataniif waamichi dhiyaateera.
Qophiin Iid hanga Iid marsaa 2ffaa Ityoophiyaa caalaatti beeksisuuf sadarkaa danda’amutti akka qophaa’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu hundi itti gaafatamummaa isaanii akka bahaataniif waamichi dhiyaate.
Koree Hojii raawwachiftuu biyyaalessaa Iid hanga Iida fi Ministeerri Dhimma Alaa raawwii sagantaa kabaja Iid hanga Iid marsaa jalqaba qorataniiru.
Sagantaan marsaa jalqaba karoora qabamen raawwatamaa jiraachuu himameera.
Ministir Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo gama isaaniin, sagantaa kabaja Iid hanga Iid marsaan jalqabaa dhaabbilee biyya keessaa fi alaa, akkasumas miisiyoonota waliin qindoominaan hojjechuun sagantiichi milkaa’uu danda’uu himuu ragaan waajjira Dubbii Hima Ministeera Dhimma Alaa irra argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.