Milkaa’ina marii biyyaalessaatiif hundu gahee isaa ba’achuu qaba -Komishinicha

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC )-Mariin Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu bu’aa barbaadamu akka fiduuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan Komishiinarri Olaanaan Komishiinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ar’aayaan.

Komishiinichi abbootii gadaa haadholii Siinqee, artistootaa fi kanneen biroo Naannoo Oromiyaa irraa walitti babba’an waliin mari’ateera.

Pirofeesar Masfiin akka jedhanitti gaheen abbootii Gadaa fi haadholii Siinqee akkasumas artistootaa fi namoota dhiibbaa uumanii adeemsa marii biyyaalessa milkeesuu keessatti olaanaa waan ta’eef milkaa’ina ol aanaan komishiinichaa Masfin Aaraayaa (Professor) gaafataniiru.

Komishinaroonni komishinichaa marii kanarratti hirmaatan gama isaanitiin, yoo waliin hojjennee fi waliin mari’anne biyyattiitti nagaa waaraa buusuu dandeenya jedhaniiru.

Artistoonnii fi namoonni dhiibbaa uumanis marii kana milkeessuuf gahee isaanii akka bahan waadaa galuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Mariin naannoo Oromiyaatti gaggeeffamu sochii ummataa bal’aan kan deeggaramuu fi milkaa’aa akka ta’u deeggaruuf kutannoo akka qaban hirmaattonni ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment