Milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee keenya ba’achuu qabna- Jaarsolii Biyyaa

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) –Mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf gahee isaanii kan ba’atan ta’uu Jaarsoliin Biyyaa dubbatan.

Abbaan Gadaa Tolasaa Sayifaafi Abbaan Gadaa Gadaa Tufaan, hoggantoonni hawaasaafi jaarsoliin biyyaa rakkooleen ilaafi ilaameen hiikamuu akka danda’an irratti hubannoo uumuufi ga’umsaan hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Nageenyiifi araarri akka bu’uuf gaheen jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu mul’achuu qaba jedhaniiru.

Jaarsoliin biyyaa Walaayittaafi Gaamoo Adaanaa Ayizaafi obbo Tazarraa Shawaayee gamasaaniin, adeemsi marii biyyaalessaa akka milkaa’uuf jaarsoliin biyyaa itti gaafatamummaa keenya ba’achuu qabna jedhan.

Dargaggoonni hubannoon akka socho’u gorsuufi biyya isaaf waardiyyaa akka ta’uuf jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Namoonni siyaasaas adeemsa biyyaafi uummataa dursa kennu akka hordofan gorsuun hojiilee gurguddaa hojjechuu qabna jedhaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment